“በትጋት አዲስ አበባን ወደ ላቀ ስኬት!”
“በትጋት አዲስ አበባን ወደ ላቀ ስኬት!” በሚል መሪ ሃሳብ ባለፉት ቀናት ስናካሂድ የነበረውን የከተማችንን የ2018 በጀት ዓመት የ6 ወራት የመንግስትና የፓርቲ ስራዎች አፈፃፀም ግምገማ በስኬት አጠናቀናል።
በግምገማችንም አዲስ አበባን ፅዱ፣ አረንጓዴ እና ውብ፤ ለነዋሪዎቿ ምቹ እና ዘመናዊ ከተማ ለማድረግ የተከናወኑ አበረታች ውጤቶችን አይተናል። ለአብነትም 134 ኪ.ሜ አዳዲስ መንገዶች የተገነቡ ሲሆን፣ ከ573 ኪ.ሜ በላይ መንገዶችም ጥገና ተደርጎላቸዋል።
በውሃና ፍሳሽ፦ የውሃ አቅርቦትን በ60 ሺህ ሜትር ኩብ ለማሳደግ ውጤታማ ስራ ተሰርቷል። የፍሳሽ ማስወገጃ ስርዓቱን በማዘመን ከተማችንን ከብክለት ለመከላከል የ8 ማጣሪያዎች ግንባታ በከፍተኛ ፍጥነት እየተከናወነ ይገኛል።
ለህዝባችን ጥያቄ ምላሽ ለመስጠትም በትምህርት፣ በጤና እና በተለያዩ ማህበራዊ ዘርፎች የህዝቡን አዳጊ ፍላጎት መሰረት ያደረጉ 274 ፕሮጀክቶች ግንባታን አጠናቀን ለአገልግሎት ክፍት አድርገናል ።
በኮሪደር ልማትና በወንዝ ዳርቻ ስራዎችም ከተማችንን መልሰን እየገነባን፣ ከከተማችን አልፈን የሀገራችንን ገጽታ ቀይረናል። ለነዋሪዎቻችን 12 ሺህ የመኖሪያ እና የንግድ ቤቶችንም ገንብተን ለተጠቃሚዎች አስተላልፈናል።
የከተማችን የኮንፍረስ ቱሪዝም መዳረሻነት በከፍተኛ ሁኔታ ያደገ ሲሆን ባለፉት 6 ወራት ከ150 በላይ ኮንፍረንሶች ተካሂደዋል። በስራ ዕድል ፈጠራ ከ195 ሺህ በላይ ለሚሆኑ ዜጎች ቋሚ እና ለበርካቶች በጊዜያዊነት የስራ ዕድል የመፍጠር ስራ ተከናውኗል።
ከህዝቡ ቅሬታ ከሚቀርብበት የአገልግሎት አሰጣጥ አንፃርም በ’መሶብ’ የአገልግሎት አሰጣጥ የ94 % የህዝብ እርካታ ማግኘት መጀመራችን ለቀጣይ ስራችን ትልቅ ስንቅ ነው።
የበጎ ፈቃድ ተሳትፎም በከፍተኛ ሁኔታ በማደግ ከባለድርሻ የልማት አጋሮቻችን እና ከሕዝባችን 13 ቢሊዮን ብር የሚገመት የበጎ ፈቃድ አገልግሎት በማበርከት ከፍተኛ የሕዝብ አጋርነት የታየበትም ነበር።
በቀጣዮቹ 6 ወራትም ትኩረት የሚሹ የአመራር አፈፃፀም ልዩነቶችን ለማጥበብ፣ ተቋማዊ ግንባታን ለማጠናከር፣ ለቤት ግንባታ፣ ከተማችንን ለአለም አቀፍ ኩነቶች ይበልጥ ለማዘጋጀት ፣ ጉበኝነትና ብልሹ አሰራርን በዘመናዊ አሰራር እና በህዝባችን ተሳትፎ ለማምከን፣ የመረጃ አያያዝን ለማዘመን እንዲሁም የኑሮ ውድነትን ጫና ለመቀነስ የተጀመሩ ስራዎችን ለመቀጠል፣ የገቢ አሰባሰብን አጠናክረን ለመስራት የተግባባንበት ውጤታማ መድረክ ነበር ።
ፈጣሪ ኢትዮጵያን እና ህዝቦቿን ይባርክ!
"Ciminaan Finfinnee Gara Milkaa'ina Olaanaatti!" mata duree jedhuun guyyoota dabran gaggeessaa kan turre gamaaggama raawwii hojiiwwan mootummaa fi paartii ji'oota 6 magaalaa keenyaa kan bara baajataa 2018 milkaa'inaan xumurree jirra.
Gamaaggama keenyaanis Finfinnee qulqullooftuu, magariisaa fi miidhagduu, jiraattota isheef mijattuu fi magaalaa ammayyaa taasisuuf kan hojjetaman milkaa'inoota jajjabeessoo argineerra. Fakkeenyaafis daandiiwwan haaraan 134 Km kan hojjetaman yemmuu ta'u, daandeewwan 573 km ol suphamaniiru.
Bishaaniifi dhangala'oon; dhiheessii bishaanii kiwuubik meetirii kuma 60n guddisuuf hojiin milkaa'aan hojjetameera. Sirna dhabamsiisa dhangala'oo ammayyeessuun magaalaa keenya faalama irraa ittisuuf ijaarsi qulqulleessaa 8 saffisa olaanaan hojjetamaa jira.
Gaaffii uummata keenyaaf deebii kennuuf barnootaan, fayyaan fi dameewwan hawaasummaa garaagaraatiin fedhii guddachaa adeemu uummataa bu'uura kan godhatan ijaarsa piroojektiiwwan 274 xumurree tajaajilaaf banaa taasisnee jirra.
Hojiiwwan misooma koriidarii fi qarqara lagaatiinis magaalaa teenyaa deebsinee ijaaraa, magaalaa teenyarra dabarree fuula biyya keenya jijjiirree jirra. Jiraattota keenyaa manneen jireenyaa fi daldalaa kuma 12 ijaarree fayyadamtootaaf dabarsinee jirra.
Gahuumsummaan koonfaransi tuurizimii magaalaa keenyaa bifa olaanaan kan guddate yemmuu ta'u ji'oottan 6n dabran konfarnsiileen 150 ol gaggeeffamaniiru. Carraa hojii uumuun lammiilee kuma 195 ol ta'aniif carraan hojii dhaabbataa fi hedduusaaniif yeroodhaaf hojiin carraa uumuu raawwatameera.
Uummatarraa gaafiin kan itti ka'u gama kenniinsa tajaajilaatiins kenniinsa tajaajilaa 'Masoobiin' (MASOB) haaragalfannaa uummataa dhibbeentaa 94% argachuu eegaluun keenya hojii keenya itti aanuuf galaa guddaadha.
Hirmaannaan tola ooltummaas bifa olaanaan guddachuun qooda fudhattoota tumsitoota keenya misoomaa fi uummata keenya irraa Birrii biliyoona 13tti kan tilmaamamu tajaajila tola ooltummaa gumaachuun tumsi uummataa olaanaan kan itti mul'ate ture.
Ji'oottan 6n itti aananis xiyyeeffannoo kan barbaadan garaagarummaa raawwii hooggansaa dhiphisuun, ijaarsa dhaabbilee cimsuuf, ijaarsa manaaf, magaalaa teenya taateewaan idil-addunyaaf caalaatti qopheessuuf, matta'aa fi hoji-maata badaa hojimaata ammayyaan fi hirmaannaa uummataan ittisuuf, qabannaa odeeffannoo ammayyeessuuf akkasumas dhiibbaa qaala'iinsa jireenyaa hir'isuuf hojiiwwan eegalaman ittifufuuf sassaabbi galii cimsinee hojjechuuf kan itti waliifgalle waltajjii milkaa'aa ture.
Waaqni Itoophiyaa fi Uummata Ishee Haa Eebbisu!